Monday, November 16, 2009

Guyyaa Gootummaa Dhaloota


Sadaasa 9, Guyyaa Gootummaa Dhalootaa Muldhise Ta’un Yaadatama!


Oromummaa; dafqaa, imimmaan, qabeenya, gidiraa, dhiigaa, lafee fi lubbuu jaallaniin ijaarame; tattaaffii gabroonfattooti tolchaniin sharafamuu hin dandahu!

Gootummaan Oromoo seenaan beekamaa dha. Oromoon baroota durii irraa kaasee goota fardaan lolee biyya isaa halagaa irraa tikfachaa ture ta’uus seenaan muldhisa. Dhalooti bara kanaas seenaa Sadaasa 9, 2005 irraatti hojjeteen diddaa isaa kan abbaa biyyummaa ofii kabachiisuuf socho’uun qaama gootummaa abbootii durii ta’uu muldhise. Yeroo seenaa gootummaa Oromoon jaarraa 16 ffaa keessatti raawwatee fi injifannoo bara sanatti galmaahe Oromoof bakka ol aanaa qaba. Oromoon bara gadaan wal ijaaree lafa isaa humnaan sarbame humnaan deebifachuuf socho’e keessatti ganna 72 ykn Gadaa 9 itti fudhate. Falmaa halagaa naannoo isaa jiran waliin godheen naannoo gaanfa Afrikaatti nagaa waaraa baroota dheeraaf(300 ol) buuse. Seenaa fi afuurri sochii dhaloota haaraa sadaasa 9, 2005 eegales seenaa goototi Oromoo Gadaan wal ijaaranii lafa fi mirga humnaan irraa sarbame humnaan deebifachuuf godhan waliin wal gituu baatus wal fakkaata.
Jaarraa 16ffan dura Oromoon akka wal ijaaree sochii lafa isaa deebifachuu godhuu fi sababni miidhaa halagaan irra gahaa ture ta’uu seenaan hima. Biyyaa fi qe’ee isaa irraa hamtuu rukutame. Roorroo hamaan irra gahe kana of irraa kaasuuf toftaan inni dhimma bahe Gadaan wal ijaaruu ture. Haala kanaan jaarraa kana keessa Oromoon Gadaan of ijaaree biyya isaa humnaan sarbame deebifachuuf tokkummaan socho’e. Falmaa gootummaa Gadaa 9 ykn waggaa 72 godhame keessatti wareegama qaalii baasee mirgaa fi lafa isaa harkatti galfate. Humna guddaa naanno gaanfa Afrikaa keessatti baroota dheeraa haga gadaan laafutti sabaatiinsa uumuun humna jabaa ture. Kun seenaa boonsaa abbootii keenya irraa baratame dha.
Dhalooti haaraan hardha lafa irra jiru gootummaa abbootii isaa irraa dhaaleen cunqursaa fi hacuccaa irra jiru of irraa darbuuf harka wal qabatee dide, kaabaa fi kibba, bahaa fi dhiya, gidduu galeessaa iyyee fi iyya walii dabarse, labsii ABO hordofuun walii birmatee ka’e. Falmaa kana keessattis wareega hedduu kan qabeenyaa, dafqaa, imimmaanii, gidiraa, dhiigaa, lafee fi lubbuu baase. Wareegi kunis Oromummaa tikse qabsoo Oromootti lubbuu horee jiraachise.
Sochiin kun gaaffii Oromoo kan mirgi abbaa biyyummaa, bilisummaa fi walabummaaf godhutti lubbuu hore, haaromse.

Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9, 2005 bifa haaraan eegale tures sochii jaarraa 16ffaa wajjin wal fakkaata. Oromoon bakka jiruu irraa ka’ee faajjii jaallan kaleessaa qabsoo irratti wareegaman kaasuun hawwii biyya ofii irratti abbaa biyyaa ta’uu, bilisummaa, mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu bakkaan gahuu; gaaffiilee mirgi dhala namaa fi dimokraasii akka kabajamu kaasan. Ilmaan Oromoo sababa Oromoo tahan qofaaf mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran haal duree tokko malee akka hiikaman, namoota seeraan alatti ilmaan Oromoo hidhan, gidirsan, hiraarsanii fi ajjeessan murtii seeraaf akka dhiyaatan gaafachuun bakka jiruu hundatti Oromoon FDG deemsise. Sochiin kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti yaadatamaa jiraata.

Akkuma jaarraa 16ffaa keessa Oromoon Gadan of ijaaree sochii godhe ammas kallacha dhaaba isaa ABO jalatti ijaaramee, waamicha dhaaba isaa hordofee FDG geggeesse. Wareegamni itti bahes gatii malee hin hafne. FDG kunis gaaffii fi rakkoo ummata Oromoo keessaa fi alatti beeksise. Fincilani diiddaa mormii muldhisuun wareegama bilisummaan gaafattu baasuun kabajaan namummaa fi mirgi abbaa biyyummaa deebifachuun barbachisaa ta’uu sochii kanaan mirkanaawee.
Sadaasa 9, 2005 kan ummatni Oromoo qabsoo bilisummaa isaa keessatti sochii godhe keessatti qabsoo isaa boqonnaa haaraatti tarkaanfachiise. Oromoon hammeenya diinni irraan gahuuf osoo hin jilbeenfatin sochii isaa guutummaa Oromootti geggeessatti gootummaan gaggeesse. Diinnis haala dhalate kanaan rifachuun shira dhaaba keessaa fi alaan; hawaasa Oromoo keessa seenuu fi ololuun Oromoo abdii kutachiisanii qabsoo isaa irraa duubatti deebisuuf tattaaffii guddaa godhan. Kanaaf guyyaa kanaa guyyaa tokkummaan Oromummaa dhiiga jaallaniin tikfamu ta’uu walii dhaamaa akka armaan gadiitti Oromoon bakka jirutti akka yaadatee oolu dhaammanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!!

No comments:

Post a Comment