Thursday, November 5, 2009

Ayyaana Irreechaa 2009 Adelaide South Australia



Ayyaanni Irreechaa sadarkaa Addunyaatti kabajame!
(Madda Oduu ABO/MOA/Australia/Adelaide-12 Onkoloolessa 2009) Ayyaanni Irreechaa hundee tokkummaa Ilmaan Oromoo kan ta’e Oromummaa irraa kan madde, mallattoo eenyummaa akka ta’e ibsame.


Ayyaana sadarkaa addunyaa keessaa Australia magaalaa Adelaide keessatti Onkoloolessa 12/2009 kabajamee oole irratti akka ibsametti, Irreechaan jila Oromoon waan duudhaafi eenyummaa isaa ittiin mul’ifatuufi, akka sabaattis ittiin mul’atuudha.


Irreeffattoonni 50 uffannaa Oromoon miidhaganii, mallattoo Irreechaa kan ta’e margaafi keelloo harkatti qabatanii ayyaanicha kabajatan kunneenis Irreechaan madda eenyummaa Oromoo ta’uu agarsiisanii jiru.


Haaluma walfakkaatuun Ayyaanni kun magaalaa Melbourne keessatti illee onkoloolessa 04/2009 sirna oo'aan kabajamuun beekmee jira.

Irreeffattoonni 200 uffannaa Oromoon miidhaganii, mallattoo Irreechaa kan ta’e margaafi keelloo harkatti qabatanii ayyaanicha kabajatan kunneenis Irreechaan madda eenyummaa Oromoo ta’uu agarsiisanii jiru.

Ayyaanni kun yeroo kabajametti, akkuma sirna Irreechaatti Oromoonni bakka addaddaa irraa gara waltajjii Footscray park erga gahanii booda angafaa-quxisuun faaruu “Mareehoo” faarsaa gara Malkaatti qajeelan. Akka Malkaa gahaniinis, mata mataan Irreeffataniiru.

Irreeffannaan booda bariisa kennameen Irreechaan hundee tokkummaa Ilmaan Oromoo kan ta’e Oromummaa irraa kan madde, mallattoo eenyummaa ta’uun hubatamee jira.

Oromoonni aadaafi duudhaa eenyummaa isaaniif quuqamanis ayyaana kana irratti akka ibsanitti, Jilti Irreechaa kan namni biyyaa bahe Waaqa itti kadhatu; naa tolii kadhatuudha. ”Biyyaa baatus Waaqa kee kadhachuu hindhiistu. Yoo jiraatte kan ati waa cufa argattu. Biyya namaa keessatti yoo duutellee fulaa itti awwaalamtu hinqabdu. Kanaaf Waaqayyoon na jiraachisii kadhatta. Kana caalaas fulaa tokkotti dhuftee aadaa kee kabajachuu akka wal-bartu sigodha. Walhubatta jechuudha,” jechuudha.

Akka amantiitti guyyaa Waaqaaf galata itti galfatan ta’u illee, Irreechaan akka aadaatti, golee Kaawoo Oromoo kan ittiin dahalootaa dhalootatti dabarsan gaachana mallattoo eenyummaa ti.
Moa

No comments:

Post a Comment