Wednesday, January 20, 2010

Hundeeffama Waldaa Hawaasa Oromo Siydinii-Australia

(Oduu 21 Amajjii 2010 Sydeny-Australia)Oromonni biyya Awustiraaliyaa kan magaalaa Siyidnii keessa jiraatan waldaa hawaasa Oromoo hundeeffataniin qaama seerumaa mirkaneeffachuun isaanii gabaafame.






Waldaa hawaasa Oromoo Awustiraaliyaa maqaa jedhuun waajjira dhimma gurmaahinaa mootummaa Awusitraaliyaa irraa ragaa beekamtii kan argate waldaan kun miseenoota 50 akka horates beekameera.

Sirna labsii hundeeffama waldaa hawaasa Oromo Awusitraaliyaa kan magaalaa Siydinii sababeeffachuun sagantaa guyyaa Dilbataa Amajjii 17 bara 2009 iddoo bashannanaa Olompik keessatti qophaaherratti, maatiin miseensoota waldichaafii keessummoonni argamuun gammachuu isaanii mul’isaniiru.

Sirna kanarratti akka ibsametti, waldaan kun walitti dhufeenya hawaasa Oromo cimsuu, aadaafi afaan oromoo dagaagsuu, rakkoolee hawaasa Oromo furuudhaaf yaalii godhamu keessatti hirmaachuun kaayyoo isaati.

Waldaan kun koree bulchiinsaa dabalatee gurmuulee dhimma afaan Oromoofi Ispoortii qindeessan haamateera.

Hundeeffama waldaa hawaasa Oromo Awusitiraaliyaa kan magaalaa Siydinii kana dhugoomsuuf Waldaan hawaasa Oromoo Viiktooriyaafi namoota matayyaan carraaqaa turanis wayituma kana galateeffatamaniiru.

Guyyaa eebba waldichaa sababeeffachuunis miseensoota gidduutti waldorgommiin kubbaa miilaa taphatameera.


Kanaan durattillee, waldaaleen hawaasa Oromoo kutaalee biyya Awustiraaliyaa Viktooriyaa, Adileed fii Parzi keessatti hundeeffamuun socho’aa akka jiran beekamaadha.

No comments:

Post a Comment